ONM-ABO Muddee 12, 2024
Waraanni silaa lolee daangaa biyyaa kabachiisuu malu, waa’ee dantaa daangaa biyyaa dhiisee gara uummata isaatti deebi’uun dararaa ulfaataa geessisuu itti fufee jira.
Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waamaa Kuraa jedhamu keessaa Muddee 10, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Misgaanuu Rabbumaa,
- Mitikkuu Nagaraa fi
- Boodanaa kanneen jedhaman waraanni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu saamichaan ammoo aanaadhuma kana ganda Saqqaa irraa Muddee 9, 2024 nama maqaan isaa Baacaa Dheeressaa jedhamu jalaa qotiyyoo 2 qalatanii nyaachuun maatii jiruu fi jireenya gadadoo keessatti hambisanii deemuu maddeen himan.
Ergamtoonni kunneen jiraattota hidhaatti guuruu ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Bidiruu jedhamu keessaa Muddee 10, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Ruusiyaa Kadirii fi
- Tasfaa Addunyaa jedhaman sababa tokko malee hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Namoonni dararaan kun irra ga’e kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuu fi maatii qabsaa’otaati jedhuun akka ta’e ibsameera.

