Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Fincaa’aatti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuun, Guduruutti ammoo hidhaa hammeessan

ONM-ABO Muddee 14, 2024 

Mootummaan Bilxiginnaa Kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen walqabatee jaleewwan isaaf illee miindaa ji’aa waan kaffalu hoggaa dhabu taarsiimoo tolfachuun ajaja kenneefii qe’eef qabeenya uummata Oromootti bobbaasuun saamicha daangaa darbeen dinagdee uummatichaa balleessaa jira.

Muddee 11, 2024 ganda Nashee 2’ffaa jedhamutti waraanni Bilxiginnaa daldalaa maqaan isaa Taarikuu Dhugaasaa Jandoo jedhamu qabeenya inni qabu hunda badii tokko malee jalaa saamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, qabeenyi jalaa saamame kunneen: Boqqolloo ardaba 150, Saalixii ardaba 57, Xaafii ardaba 4 fi harree tokko konkolaataatti fe’anii fudhatanii deemuu dubbatu.

Haluma walfakkaatuun, ganduma kana irraa waraanni faashistii Bilxiginnaa saamicha hawaasa nagaa irratti geggeessan hammeessuun, nama maqaan isaa Fayyeeraa Filee jedhamu jalaa ammoo harroota 2 fudhatanii deemuu itti dabaluun ibsaniiru.

Oduu hidhaan ammoo aanaa Guduruu ganda Reef Tokko Taanee Waatiyoo jedhamu keessaa torban lamaan darbe keessa ergamtoonni Bilxiginnaa balleessaa tokko malee jiraattota maqaan isaanii:

  1.  Nugusaa Addaamuu,
  2.  Tirfii Dhaabaa,
  3.  Nagaroo Raggaasaa,
  4.  Shallamaa Qannoo,
  5.  Shakoree Fufaa,
  6.  Hawwii Darajjee fi
  7.  Damee Bultoo kanneen jedhaman ukkaamsuun gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Exit mobile version