Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruu fi doorsisuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 16, 2024 

Tiksitoonni impaayera bututaa loltoonni Abiy Ahimed, tibba kana goleewwan Oromiyaa hunda keessaa hawaasa nagaa siyaasa kam waliin hariiroo hin qabne maatii qabsaa’otaa irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Bareedaa keessaa Muddee 13, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Mitikkuu Ittafaa,
  2. Taarikuu Saqqataa,
  3. Girmaa Taa’aa, 
  4. Abaatee Hordofaa, 
  5. Kaasech Mokonnon, 
  6. Bungulee Baabuu,
  7. Mitikkee Nagaash,
  8. Ebbisee Abdiisaa fi kanneen biroo hedduu ergamtoonni sirnichaa maqaa isin maatii qabsaa’otaati jedhuun ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees aanichuma ganda Haroo Folaa keessaas lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen ijoollee keessan galfadhaa jechuun mana maatii qabsaa’otaatti jaarsolii biyyaa ergaa kan jiranii fi akkasumas walga’ii ba’aa jechuun beellama qabanii doorsisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version