Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti dararaan maatii qabsaa’otaa irratti loltoota sirnichaan raawwatu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Muddee 20, 2024 

Waraanni Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoo lolanii injifachuu yeroo dadhaban, gara hawaasa nagaatti deebi’uun maqaa “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun miidhaa garaa garaa irratti raawwatan hammeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Gidaamii ganda Soyii jedhamu keessaa jiraattota maqaan isaanii:

  1. Aadde Waganee Tasfaayee,
  2. Aadde Dungushee Goobanaa,
  3. Obbo Fiqaaduu Jarafuu,
  4. Obbo Fiqiruu Taaddasaa,
  5. Obbo Qana’aa Sinoo,
  6. Obbo Olaanaa Hundeessaa,
  7. Obbo Gabiruu Raagaa fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee maqaa ilmaan keessantu bosona jira jedhuun ergamtoonni sirnichaa torbee darbe irraa eegaluun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’etti guyyaa guyyaan waamanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen eeranitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta’uu himuun, waraanni sirnichaa ammoo maqaa ilmaan keessan bosonaa galchaa jedhuun waqtii hawaasni oomisha guurrachaa jirutti guyyuun hojii isaanii irraa waamuun dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Exit mobile version