Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti hidhaa fi saamichi loltoota murna Bilxiginnaan hammaatee jiraachuun ibsame

ONM-ABO Muddee 29, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waayyuu Saqaa keessatti murni maafiyaa PP gaafa Muddee 19, 2025 hawaasa nagaa baay’inni isaanii 11 ta’an irratti badii tokko malee hidhaa fi dararaa garaa garaa raawwachaa akka turan jiraattonni ifoomsaniiru.

Namoonni qabamanis kan maqaan isaanii nu ga’e:

  1. Aadde Eebbisee Shaanqoo,
  2. Aadde Birriituu Busunaa,
  3. Obbo Shimee Agollee,
  4. Shamarree Dinqee Fiqiruu fi 
  5. Shamarree Waqeetee Iddoosaa 

kanneen jedhaman akka ta’an ibsameera.

Oduu saamichaatiin ammoo namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Girmaa Mulaatuu Jalaa Harree 1 fi
  2. Obbo Tasfaayee Iddoosaa jalaa loowwan 5 yoo fudhachuun, 

badii tokko malees qe’ee fi qabeenya isaanii irraa qabanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuus itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version