ONM-ABO Muddee 26, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waayyuu Saqaa keessatti murni maafiyaa PP gaafa mudde 19, 2025 hawaasa nagaa baay’inni isaanii 11 ta’an irratti badii tokko malee hidhaa fi dararaa garaa garaa raawwachaa akka turan jiraattonni ifoomsaniiru.
Namoonni qabamanis kan maqaan isaanii nu ga’e:
- Aadde Eebbisee Shaanqoo,
- Aadde Birriituu Busunaa,
- Obbo Shimee Agollee,
- Shamarree Dinqee Fiqiruu fi
- Shamarree Waqatee Iddoosaa kanneen jedhaman akka ta’e ibsameera.
Oduu saamichaatiin ammoo namoota maqaan isaanii:
- Obbo Girmaa Mulaatuu Jalaa Harree 1 fi
- Obbo Tasfaayee Iddoosaa jalaa loowwan 5
saamuun isaaniin ammoo badii tokko malee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa qabanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuus itti dabaluun himaniiru.

