ONM-ABO Muddee 17, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti dhahuun kan isaan hawaasa saamaa oolan hanqannaan, wayita ammaa kana ammoo waan nama qaanessu maqaa simannaa WBO jedhuun saamicha daangaa darbe raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Muddee 13, 2024 ergamtoonni Bilxiginnaa “walga’ii nageenyaa” jechuun hawaasa aanaa Makkoo hunda erga waamanii booda “WBO karaa nagaa gale mootummaan waan nyaachisu waan dhabeef godinni keenya ammoo aanaa keenyatti sangoota 7 akka dhiyeessinuuf nutti murteessee jira” jechuun abbootiin qabeenyaa qarshii 3,000 fi isaa ol akkasumas, namoonni kaan ammoo qarshii 200 fi isaa ol dirqamaan kaffaluu akka qaban doorsisuun “namni kana hin goone immoo mana hidhaatti darbatama” jechuun saamaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

