Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Warra Jaarsootti meeshaalee gurguddaa dhukaafameen namni tokko ajjeefamuun, qabeenyi saamamuu fi ibiddaan gubachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Muddee 18, 2024 

Sammuu dhalli namaa ittiin yaadu kan hin qabnee fi lammiilee bulchaa jirra jedhaniif waanuma gaarii tokkollee kan hin yaadne ergamtoonni murna maafiyaa PP, kutaalee Oromiyaa hunda keessaa sabboontota ilmaan Oromoo maqaa garaa garaa itti maxxansuun adamsanii hidhaatti darbachuun gaaffii seeraa tokko malee yeroo dheeraaf hidhanii sarbamiinsa mirgoota namoomaa hedduu irratti raawwachaa jiru. 

Waraanni faashistii PP kun qe’ee hawaasa nagaa irratti haleellaa qilleensa irraa fi lafoon lubbuu namootaa fi beeyladootaa irraan gaaga’ama geessisan cimsanii itti fufaniiru.

Godina Kaaba Shaggar aanaa Warra jaarsoo ganda Haroo Gullallee keessatti Muddee 15, 2024 meeshaalee gurguddaa magaalaa Qarree Gohaatti waraanni faashistii PP dhukaaseen hanga gabaasni kun qindaa’ettis loon 6 fi harree 1 ajjeesuun miidhaa qabeenya irratti qaqqabsiisuun himameera.

Kana malees ganda Janjam Meelaa keessatti meeshaalee gurguddaa Madfii fi kanneen biroo magaalaa Qacammee gubbaa dhaabuun dhukaasaniin abbaa maatii kan ta’e Obbo Lammii Taayyee ajjeesuun  midhaan bakka tokkotti tuulamee jiru Xaafiin Obbo Adaree Tolaa jalaa dhukaasa meesha guddaa kanaan gubachuun ifoomeera 

Itti dabaluun Obbo Shifarraa Joobiraa jalaa midhaan ardaba 16, Obbo Wandimmuu Shifarrawu jalaa midhaan ardaba 8 jalaa yoo saaman aanaadhuma kana ganda Faajjii Ejersaa keessaa ammoo Obbo Alamaayyoo Margaa jalaa midhaan ardaba 6 saamuun beekameera. 

Exit mobile version