ONM-ABO Muddee 19, 2024
Fedhii fi dantaa murna tokkoo qofa tiksuuf kan bobbaafaman loltoonni faashistii Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa dararaa ilmaan Oromoo irraan gahan jabeessanii itti fufanii jiru.
Muddee 15, 2024 loltoonni Bilxiginnaa aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinee keessaa namoota maqaan isaanii:
- Taarikee Hambisaa,
- Masqalee Itichaa,
- Daarragaa Jabeessaa,
- Addunyaa Baqqaanaa fi namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu ta’an badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu saamichaan ammoo guyyaadhuma kana Muddee 15, 2024 gandichuma keessaa nama maqaan isaa Xiiqii Guuttataa jedhamu jalaa re’ee tokko qalatanii nyaachuu maddeen himan.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen dararaa hawaasa meesha maleessa irratti raawwatan hammeessuun, guyyaadhuma kana namoota hedduus badii tokko malee reebicha hamaa ta’e irraan gahanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

