ONM-ABO Muddee 21, 2024
Doorsisaa fi hiraarfamni irratti jabaatee jiraachuu kan himan jiraattonni godina Baalee Bahaa magaalaa Gindhiir, tajaajila ibsaa dhabuun murni garboomfataan PP sa’a barbaadetti ibsaa tajaajila hawaasaaf oolu ni cufu, fedhanis kaffaltii guddaa nu gaafachuun nuuf deebisu jechuun dubbatu.
Haala kanaan jiraachuun ammoo rakkoo guddaa nutti ta’eeras kan jedhan uummanni midhaan daakkachuuf danqamuu, bishaan dhugaatii dhabuu fi yeroo ammaas bishaanni jaarkaniin tokko qarshii 30’maan bitamaa akka jirus himan.
Murni garboomfataan PP dirree diimokiraasii babal’isuu fi fakkeenya biyyoota guddatanii waliin wal bira qabanii yeroo itti impaayerattiin dhaadachaa jiru kanatti, hawaasni daranuu kan duraarra saamamuu, hidhamuu, ajjeefamuu fi tajaajilli hawaasummaa irraa cituun jabaatee jiraachuun qonnaan bultoonni godinichaas lafa heektara 1’tti kaffaltii gibiraa qarshii 2000 dirqamaan saamamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana malees maqaa kooridaar baadiyyaa, miidhagina daandii fi kanneen biroo itti dhawuun hawaasa oomisharra jiru misooma irratti hirmaannaa taasisaa hin jirtan jechuun qarshii 1000 tokko tokkoo jiraattotaa irraa saamaa jiraachuun beekameera.
Namoota qarshii kaffalan dhaban ammoo hidhaatti guuraa kan jiran ogguu ta’u, keessattuu ganda Dooyyoo jedhamuu namoota lama kan maqaan isaanii:
- Umar Sheek Abduruuf fi
- Quufaa Shamsii jedhaman qabanii hidhuun hiraarsaa jiraachuun addeeffameera.

