Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaalee Aayiraa fi Gullisootti hidhaa fi saamichi waraana maafi’aa PP’n jabaachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Muddee 21, 2024 

Godinaalee Lixa Wallaggaa aanaalee garaa garaatti hidhamuu, saamamuu fi ajjeefamuun cimee itti fufuun qonnaan bultoonni hirmaannaa siyaasaa irraa qooda hin fudhanne, rasaasa garboomfataa PP’n waadamuun dhiigni isaanii dhangala’uu fi qabeenyi isaanii manca’uun jabaateera.

Aanaa Aayiraa waajjiraa Poolisii aanichaatti hawwan hedduu, dargaggoota, shamarranii fi maanguddoonni waraana faashistii PP’n ukkaamfamuun baatiiwwan dheeraaf gaaffiilee seeraa tokko malee hidhamuun dararamuu fi gariin ammoo dhoksaan mana hidha irraa baafamuun ajjeefamaa akka jiran maddeen keenya onicha irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Waraanni faashistii PP gandoota baadiyyaa keessattis maqaa sakattaa WBO’n bobba’an hawwan dirqiin gudeeduu fi saamichas jabeessuu dabaluun eeraniiru.

Kana malees Lixuma Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Haroo Baataa jedhamuu torbee darbe waraanni sirna moofaa Bilxiginnaa aangoo isaanii dahoo godhachuun horii 5 ooffatanii gara bulchiinsa magaalaa Gullisootti akka geeffatan ibsameera.

Exit mobile version