ONM-ABO Caamsaa 3, 2025
Torban tokko keessatti namoonni baayi’inaan 110 ol ta’an godina Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa gandoota 4 irraa loltoota faashistii PP’n ukkaamfamuun dhabamsiifamuun dhaga’ame
Namoonni kunneenis gandoota akka; Warra Kuraa Suchii, Warra Baabboo Suchii, Hoomii Suchii fi Laaloo Suchii keessaa qofa ta’uus kan himan jiraattonni; walumaa galatti namoonni hedduun akka onichaatti guyyaa guyyaan butamaa akka jiranis ONM’f eeraniiru.
Namootni gara jabeeyyii loltoota faashistii PP’n butamaa jiran kunneen irra caalaan isaanii abbootii warraa ilmaan qaban oggaa ta’an, dargaggoonnis keessatti akka argaman itti dabaluun himaniiru.
