• Mon. Jan 12th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraa keessaa namoota jumlaan ukkaamsanii dhabamsiisuun cimee itti fufuun beekame

May 3, 2025

ONM-ABO Caamsaa 3, 2025 

Torban tokko keessatti namoonni baayi’inaan 110 ol ta’an godina Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa gandoota 4 irraa loltoota faashistii PP’n ukkaamfamuun dhabamsiifamuun dhaga’ame

Namoonni kunneenis gandoota akka; Warra Kuraa Suchii, Warra Baabboo Suchii, Hoomii Suchii fi  Laaloo Suchii keessaa qofa ta’uus kan himan jiraattonni; walumaa galatti namoonni hedduun akka onichaatti guyyaa guyyaan butamaa akka jiranis ONM’f eeraniiru.

Namootni gara jabeeyyii loltoota faashistii PP’n butamaa jiran kunneen irra caalaan isaanii abbootii warraa ilmaan qaban oggaa ta’an, dargaggoonnis keessatti akka argaman itti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading