ONM-ABO Caamsaa 3, 2025
Seerota waraanaa idila addunyaa kan hin hordofne waraanni impaayera Itiyoophiyaa guyyuu ajandaa daddaqamaa fi siyaasa murna tokkichaa eeguuf jecha lubbuu lammiilee qulqulluu kuma dhibbootaan fixaa jiru, jaalala biyyaa fi uummataa kan hin qabne, wal-dhabdee fi fincilli adda addaa isaan gidduutti uumamaa jira.
Keessattuu gareewwan miseensota raayyaa ittisa impaayerittii, poolisoota Federaalaa, humnoota poolisii naannoolee fi kanneen biroo gidduutti yeroo adda addaa walitti bu’iinsa uumamaa tureen lubbuu loltoota hedduu qondaaltota waraanaa isaanii dabalatee gaaga’aa kan ture oggaa ta’u, tibbanna ammoo bifa addaan rakkoolee jajjaboon isaan gidduutti dhalatee akka jirus maddeen keessoo waraanichaa ONM’f eeraniiru.
Mataan faashistii Koloneel Abiy Ahimed qaamolee siyaasaa isa waliin hojjetan dabalatee, gartuulee faallaa isaa walitti buusuun bu’aa siyaasaa argachuu bartee taasifatee hojii jal’inaa raawwachaa akkuma jiru, bifa haarawaan miseensota waraanaa impaayerattii suphuuf ifaajan gidduutti adda addummaa uumuun shakkii, Lixa Oromiyaa, giddu galeessaa fi Kaaba Oromiyaa Walloo irraa kanneen dhaquun miseensota waraanaa ta’an cuftuu diigumsa guddaa uumaa jiru jechuun loltoota hedduu hidhuu fi gariinis dhoksaan ajjeessisaa akka jiran himaniiru.
Kanumaan wal qabatees miseensonni waraanaa cuftuu waliin gaarreeffannaa guddaa keessa seenanii akka jiranis itti dabaluun kan himamu yoo ta’u, haalli wal-qoodinsaa isaan gidduutti uumamee jirus gara hokkora guddaatti deemaa akka jirus addeeffameera.

