Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Loltoonni Impaayera Itiyoophiyaa Kibba Oromiyaa Godina Gujii Bahaa Aanaa Liiban keessatti dargaggoo tokko ajjeesuun bakkeetti gatan

ONM-ABO Muddee 22, 2024 

Sirni ajjeesee waakkatu Bilxiginnaan afaaniin nagaa labsaa keessoon ammoo waraana isaa kumaatamaan itti bobbaasuun uummata nagaa ajjeesuu kan aadeffate, har’as qaroo ilmaan Oromoo egeree Oromiyaatiif abdachiisoo ta’an galaafachuu itti fufeera.

Muddee 20, 2024 godina Gujii Bahaa aanaa Liiban ganda Moolichaa iddoo addaa Dhaddacha Goolaa jedhamu keessatti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii jechuun of waaman maqaa sakattaa waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun gandichatti bobbaafaman dargaggoo Oromoo kan maqaan isaa Daadhii Jibichoo Sabichuu jedhamu ajjeesanii reeffa isaa bakkeetti gatuu jiraattotni gandicha irraa dubbisne ONM’tti himan. 

Akka jiraattotni kun dubbatanitti,  dargaggoo Daadhiin ol adeemaa nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne, hojii idilee isaa qofa irratti xiyyeeffachuun kan jiraatuu fi hawaasa naannoo isaa biratti nama jaalalaa fi kabajaa guddaa qabu ta’uu ibsaniiru.

Tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti hidhattootni Koloneel Abiy Ahimed sabboontoota ilmaan Oromoo ajjeesuu, ukkaamsanii hidhuu, saamanii harka duwwaatti hambisuu, reebanii qe’ee irraa buqqisuu fi dirqiin dirree waraanaatti guuruu kan duraa caalaatti jabeessanii itti fufanii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa irra deddeebiin gabaasuun ni yaadatama.

Exit mobile version