Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa maqaa gibira jedhuun Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti qabeenya hawaasaa guutuutti gurgursiisaa jiraachuun himame

ONM-ABO Muddee 22, 2024 

Maqaa bulchiinsaan teessoo impaayerattii qabatee kan jiru murni bilxiginnaa yeroo irraa gara yerootti jireenya hawaasichaa balleessuuf karoora baasaa kan oolu Oromiyaa bakkoota addaa addaa keessatti shiftoota waraana isaa uummatatti bobboosuun jireenya ilmaan Oromoo golgoleessaa jira.

Muddee 20, 2024 abbaan irree impaayera Itiyoophiyaan bulchaa jiraan dhaadatu Koloneel Abiy Ahimed kufaatii isa mudate dandammachuu dadhabuun uummata nagaa kallattii hundaan dadhabsiisuuf jecha qabeenya inni qabu guutuutti maqaa gibira kaffalchiisuun namoota adamsee hidhuu, ajjeesuu fi saamuun akka inni jireenya hin geggeeffanne godhaa kan jiru aanaa Martii ganda Moolamee Arjoo irratti qabeenya uummataa kanneen akka lukkuu, re’oota, loowwan, mukeenii fi lafa irratti maallaqa ji’a sadii sadii qofa tursaa guuruun ummanni waan kennu dhabee mana isaa cufee baqachaa jiraachuu jiraattoonni onichaa ONM’f eeran.

Ummanni nuti mallaqa fixannee jirra maaliif yeroo yeroon mallaaqa maqaa gibiraan nurraa funaantu jedhee oggaa gaafatu aanaan kun ganda muraasa malee gibira hin kaffalu to’annoo Waraana Bilisummaa Oromoo jala jira waan ta’eef jechuun bakka gandoota to’annoo Bilxiginnaa jala hin jirres isintu kaffala jechuun uummata rakkisaa jiraachuu jiraattotni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version