ONM-ABO Amajjii 15, 2025
Duguugiinsa sanyii ilmaan namaa irratti raawwachuun karoora bulchiinsa isaa kan ta’e murni badee balleessaan PP kutaalee Oromiyaa cufa keessatti saamtota waraana isaa itti bobbaasuun jiruu fi jireenya ilmaan Oromoo barbadeessaa jiraachuun kan beekamuudha.
Amajjii 14, 2025 murni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa hunda keessatti gibira dachaa sadiin guuraa kan jiru aanaa Martii gandoota hunda irraa hawaasa maqaa garaa garaa itti moggaasuun halkanii fi guyyaa adamsee jiruu fi jireenya dhorkee oomisha osoo hin guurranne alatti balleessaa kan ture, yeroo ammaa kanatti maqaa gibira fanaanuu jedhuun hawaasa waan nyaatuyyuu dhabee rakkoo keessa jiru rakkisaa kan jiru yoo ta’u namoota hedduu waan kaffalan dhabanis mana hidhaatti guuree qabeenya isaanii dhuunfachaa jiraachuu jiraattonni naannichaa ONM’tti himan.
Amajjii 13, 2025 aanaadhuma Martii ganda Gulu- Gootaa jedhamu keessatti namoota hedduu hidhanii maallaqa irraa saamuun gadi dhiisaa kan turan yoo ta’u, namoonni waan kaffalan dhabanii achitti hafanis ni jiru. isaan keessaa kan maqaan nu qaqqabe Gishee Mi’eesso dabalatee namoonni hedduun mana hidhaatti dararamaa jiraachuu maddeen dabaluun ONM’f eeraniiru.

