Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Aanaa Siraarootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 25, 2024 

Murni garboomfataan PP afaaniin nagaa labsaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii (genocide) labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa kan jiru kutaalee Oromiyaa cufa keessaa jiraattota adamsee ukkaamsuun hidhaatti guuraa, saamaa, ajjeesaa, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisaa jiraachuun ibsamee jira.

Aanaa Siraaroo ganda Biixxannaa Kubiiraa jedhamu irraa torban darbe keessa ergamtoonni sirnichaa saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, jiraattonni horii tokkotti qarshii 65 akka kaffalaniif dirqisiifamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana duras, gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun horii akka: kotte duudaa fi loon  hunda irratti qarshii 65 kaffalaa kan jiran yoo ta’u, jiraattonni kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa kan jiran ta’uu itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version