Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa Aanaa Yaaballootti saamichi lafaa murna gabroomsaa PP’n raawwatame

ONM-ABO Muddee 24, 2024 

Murni Bilxiginnaa akkuma kanaan dura lafa hawaasaa saamaa ture bifa adda ta’een kan duraanii caalaa of qindeessuun Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti saamicha cimsee itti fufee jiraachuu ONM odeeffateera. 

Muddee 23, 2024 godina Booranaa aanaa Yaaballoo ganda Ardaa Yaa’aatti kaabinoonni murna garboomfataa PP lafa mana gandaa kan hawaasni tuutaan itti tajaajilamu nama dhuunfaatti gurguruun qabeenya hawaasaa galii dhuunfaa isaaniif oolfachuu jiraattonni saaxilaniiru.

Namoonni qabeenyaa hawaasaa adda durummaadhaan jalaa gurguratan maqaan isaanii:

  1. Hoogganaa waajjira lafaa magaalaa Yaaballoo Jaarsoo Shamee 
  2. Itti aanaa Biiroo lafaa magaalaa Yaaballoo Dheengee Diimaa Kateeloo 
  3. Ogeessa waajjira lafaa magaalaa Yaaballoo kan taate Maartaa Baqqalee fi 
  4. Kantiibaa magaalaa Yaaballoo Boruu Diidaa Obdaa kan jedhamuun dabarfamee gurguramuu jiraattonni itti dabaluun ONM’f ibsaniiru 
Exit mobile version