Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti waraana bilxiginnaan hiraarfamni uummata nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufee jira

ONM ABO Muddee 25, 2024 

Murni abbaa irree bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahemediin durfamu loltoota isaa kanneen naamusaaf sansakkaa waraanummaa tokkollee hin qabnee fi hin beekne kutaalee Oromiyaa mara keessatti uummata Oromoo irratti bobbaasuun duula duguuggaa sanyii raawwachaa jira. 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Shaashii keessaa Muddee 19, 2024 maanguddoo ganna 60 olii maqaan isaanii Obbo Hasan Abdullaahii jedhaman badii tokko malee bakka hojii isaanii bakka addaa Habaacar jedhamu deemuun reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun uleedhaan osooma reebanii haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen ONM’tti himan. 

Obbo Hasan Abdullaahii jaarsa biyyaa akka aadaa fi duudhaa Oromootti rakkoo uummata gandicha keessaa kan hiikanii fi jaarsa araaraa ta’uu isaanii himuun, hawaasa naannoo isaanii keessatti kabajaaf jaallatamummaa guddaa nama qabanii fi siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’anis sobaan yakkamuun kan ajjeefaman ta’uu jiraattonni gandichaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version