ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025
Murni Bilxiginnaa golee Oromiyaa keessatti waraana isaa shiftummaa leenjisee bobbaasuun uummata nagaa irratti gochoota suukkanneessaa daangaa hin qabne raawwachuun gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa haalaan ulfaataa ta’e geggeessaa jira.
Bifuma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Tobbii bakka addaa Daallee Maacoo jedhamutti Waxabajjii 18, 2025 waraanni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Abdurramaan Hasan Danuu jedhamu haala Suukkanneessaan rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti Obbo Abdurraman abbaa ijoollee jahaa yoo ta’u, nama nagaa tuttuqqaa siyaasa kamiyyuu hin qabne ta’uun hawaasa naannoo isaa keessatti kabajaa fi jaalala guddaa kan qaban ta’uus itti dabaluun eeraniiru.

