• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti waraanni Bilxiginnaa uummata nagaa ajjeesuu cimsanii itti fufan 

Jun 19, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025 

Murni Bilxiginnaa golee Oromiyaa keessatti waraana isaa shiftummaa leenjisee bobbaasuun uummata nagaa irratti gochoota suukkanneessaa daangaa hin qabne raawwachuun gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa haalaan ulfaataa ta’e geggeessaa jira.

Bifuma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Tobbii bakka addaa Daallee Maacoo jedhamutti Waxabajjii 18, 2025 waraanni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Abdurramaan Hasan Danuu jedhamu haala Suukkanneessaan rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himan.

Akka jiraattonni jedhanitti Obbo Abdurraman abbaa ijoollee jahaa yoo ta’u, nama nagaa tuttuqqaa siyaasa kamiyyuu hin qabne ta’uun hawaasa naannoo isaa keessatti kabajaa fi jaalala guddaa kan qaban ta’uus itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading