Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti loltoonni Abiy Ahimed jiraattota hidhuu fi saamuu akkaan cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 28, 2024 

Godina Horroo Guduruu aanaa Jimmaa Raaree magaalaa Gooban keessaa Muddee 25, 2024 namoota maqaan isaanii: 

  1. Aadde Miimmii Bookaa fi amaatii ishee 
  2. Aadde Kooranii Gabbisaa,
  3. Kuulanii Qaqqabaa,
  4. Yashii Jilmaa,
  5. Asteer Qixxeessaa fi obboleettii ishee 
  6. Taliilee Qixxeessaa 

jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee mana isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Gooban Arraata  Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Jiraattotni namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, loltoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “isin maatii qabsaa’otaati” jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees aanichuma ganda Baddaa Warqee jedhamu keessaa ammoo Muddee 24, 2024 nama maqaan isaa Darajjee Araarsoo Fiixee jedhamu jalaa boqqolloo lafa hektaara 2 irraa cabee osoo hin calleeffamin walitti qabamee Ooyiruu irra jiru saamanii konkolaataatti fe’atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version