ONM-ABO Muddee 30, 2024
Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni Bilxiginnaa dinagdee Oromoo quucarsuuf jecha sababoota garaa garaa itti tarreessuun qabeenya uummata nagaa saamuu, barbadeessuu, reebichaa fi gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jira.
Aanaa Baddannoo araddaa Daadaa Furdaa irraa badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf nama Musxafaa Heyidar jedhamu maqaa “inshuraansii fayyaa kaffalaa hin jirtu” jedhuun milishoonni PP kanneen maqaan isaanii Durrii Unjuraa fi Jaafar Toofiq jedhaman reebicha hamaa irraan gahuun yeroo ammaa kana mana yaalaatti yaalamaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessan.
Akka maddeen himanitti, milishoonni araddichaa maqaa barbaadan hawaasatti dhahuun saamichaa fi reebicha raawwataa jiraachuu himuun, jiraattota siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi impaayerattii suphuuf fedhii kan hin qabne yakkuun garmalee reebaa fi qarshii hanga fedhan irraa saamaa jiraachuu jiraattonni kunneen itti dabaluun himanii jiru.

