Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Xuullootti milishoonni Bilxiginnaa lammiilee nagaa ajjeesuu fi madeessuun dhagaa’ame

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Godina Harargee Lixaa aanaa Xuulloo araddaa Haqa-Mullis magaalaa Maxxaaqashaa jedhamu keessatti Muddee 27, 2024 milishoonni sirnichaa badii tokko malee nama Idiriis Abdullaa Giddii jedhamu mana isaa keessatti rasaasa itti roobsuun battalatti yoo ajjeesan, dubartii Aashaa Bakar jedhamtu ammoo mataa ishee keessa rasaasaan rukutanii madoo ulfaataa madeessuun hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti sababa dhiigni dhaabbachuu dideef dubbachuu illee dadhabuun Hospitaala keessatti du’aa fi jireenya gidduu kan jirtu ta’uu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, milishoonni fi bulchaan araddichaa ijoollee dirqamaan leenjii waraanaatti geessuuf jecha abbaa fi haadha jalatti osoo reebanii Obbo Idiriis ammoo “adaraa seeraa ilmoo kiyya na jalatti hin ajjeesinaa” wayita jedhu rukutanii battalatti yoo ajjeesan, dubartiin isa waliin turte ammoo yeroo inni rukutamu iyyinaan,”maaliif iyyita usi” jechuun mataa ishee keessa rasaasaan rukutanii kuffisuu ONM’f eeraniiru.

Kana malees guyyuma kana magaalicha keessatti jiraattota hedduu irratti reebichi ulfaataan raawwatee jiraachuu maddeen itti dabaluun himanii jiru.

Exit mobile version