ONM-ABO Amajjii 3, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Imbaatuu Mikaa’elii jedhamu keessaa Muddee 29, 2024 ergamtoonni sirnichaa:
- Tamasgeen Mirreessaa jalaa qotiyyoo 2,
- Aadde Maskaram Haftee jalaa loon 3
sababa tokko malee saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees:
- Addisuu Dabalaa,
- Taarikuu Fayisaa fi
- Tolaa namoota jedhaman
ammoo badii tokko malee bakka hojii isaaniitii ukkaamsuun rifeensa nam-tolchee (Wiigii) mataa isaanii irraa kaa’uun miseensota WBO boojine jedhanii harka isaanii duubatti hidhuun Uummata keessa naannessaa erga turaniin booda, gara waajjira Poolisii aanaa Jimmaa Arjoo geessanii hidhuu maddeen himan.
Akkasumas aanaa Kiiramuu ganda Guddina Jireenyaatti Muddee 28, 2024:
- Aadde Biqilee Dassuu jalaa loon shan,
- Obbo Fiqaaduu Koontee jalaa loon torba,
- Obbo Badhaa Oliiqaa jalaa loon torba
Walumaa galatti loon 18 gara laafina tokko malee jalaa saamanii deemuun beekamera.

