ONM-ABO Amajjii 3, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa sabaa fi sab-lammoota hacuucuun olaantummaa nam-tokkee leellisaa jiraachuun beekamaadha. Kana irraa kan ka’es lolli keessaa fi alaa irratti banamuun kufaatii dinagdee fi gaaga’ama siyaasaa hamtuu seenee kan jiru hawaasa harka duwwaa irratti duula duguuggaa sanyii labsuun, dinagdee sabichaas laamshessuu irratti xiyyeeffachuun daba hamaa taasisaa jira.
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Wanciitti Amajjii 2, 2025 Waraanni fi kaadiroonni PP waliin ta’uun hojjettoota isaanii gibira qarshii 7,000 fidaa jechuun namoota kaffaluu hanqatan hidhaatti guuruu cimsanii itti fufaniiru jechuun dubbatu.
Kanarraa kan ka’e yeroo ammaa walitti bu’iinsi jabaan kaadiroota PP fi hojjettoota sirnichaa waliin haalaan uumamee akka jirus ONM maddeen irraa addeesseera.

