Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti milishoonni sirnichaa nama nagaa tokko rasaasaan tukutuun yoo madeessan, saamicha qabeenyaas raawwatan

ONM-ABO Amajjii 4, 2025 

Dhiiga namoota qulqulluu  guyyuu akka bishaaniitti lolaasuu akka seera waraanaa fi gootummaatti kan fudhatan hidhattootni murna Bilxiginnaa, gochoota badii isaanii ilmaan Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru. 

Dargaggoo Sayid Mahaammad kan jedhamu abbaa daa’ima tokkoo jiraataa aanaa Daawaa Caffaa ganda Waddeessooti. Kamisa Amajjii 2, 2025 milishoonni sirnichaa mana isaatti itti dhaquun qawwee kee qabadhuu ka’i WBO loluu raayyaa ittisa biyyaa fi milishoota waliin deemta ittiin jedhan.

Dargaggoon Sayidis ani obboloota kootti maal jedheen duula? maal na godhan? yoo duulli barbaachise ammoo WBO’ttin duula osoo hin taane Finxaaleeyyii Amaaraa guyyaa irraa gara guyyaatti Oromoota Walloo ajjeesaa, saamaa fi buqqisaa jiranittin duula sababa jedhee dubbate qofaaf milishoonni sirnichaa gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun madeessanii yeroo ammaa hospitaala Magaalaa Kamiseetti maatiin yaalchifachaa jiraachuu jiraattotni ganda Waddeessoo ONM dubbise dubbatan.

Dabalataan akkuma aanaa Daawaa Caffaatti lukkeeleen Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran magaalotaa fi baadiyyaa aanichi qabu mara keessa naanna’anii akkaataa saamichaaf isaaniif mijaa’utti maqaa manneen jiraattotaa sakatta’uu jedhuun balbala namootaa furtuu harkaa fuudhanii banuun qabeenyaa manneen namootaa keessatti argaman mara saamanii konkolaataatti fe’achuun galuu fi maqaa nu faana WBO’tti duultu jedhuunis namoota dirqiin ukkaamsaa jiraachuu maddeen onichaa dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version