ONM-ABO Caamsaa 14, 2025
Caamsaa 13, 2025 aanaa Daawaa Caffaa iddoo addaa Caffaa Unguddattuu jedhamutti milishoonni sirnichaa jiraattotni akka qonnaa hin qotanneef dhorkuuf bobbaafaman boqqolloo erga facaafamee baatii lakkoofsisee nyaatamuuf asheeta ga’aa jiru mancaasuun addeeffame.
Sababni angaafaa mancaatii midhaan jiraattotaa kunis tibba nuti duula geggeessaa jirru isin akkamiin qonna qottu, nu waliin WBO’tti duuluu qabdu jechuun hawaasa ooyiruu irraa ari’anii loon jiraattotaa bakkeedhaa walitti qabuun boqqolloo heektaara 2 fi meetira 20 ta’us mancaasan jechuun jiraattonni himan.
Milishoonni murna PP boqqolloo namoonni garmalee itti dadhabanii oomishan kana guutummaatti loon itti naquun dheechisan kunneen jibba dhuunfaa qaban kan agarsiisan oggaa ta’u, maanguddoo Obbo Ahimed Umar Dabbee jedhamus reebicha ulfaataa irratti raawwatanii deemuun beekameera.
Sababni maanguddoon kun reebameefis loon kiyya midhaan uummataa hin nyaachisu, hojii jal’inaa irrattis hin hirmaadhu jedhee diddaa waan agarsiise qofaaf akka ta’es kan himamu yoo ta’u, yeroo ammaa kanas reebicha milishootaa kanaan harki isaa tokko cabee haala ulfaataa keessa akka jirus ifoomsaniiru.
Namoota boqolloon isaanii mancaafame kunneen maqaan isaanii:
- Umar Mahammad Hasan,
- Ahimed Moommadee,
- Ibraahim Alii,
- Mahammad Alii,
- Adam Umarittii,
- Awwalee Usmaan Adam fi
- Muusittii Huseen Mohaammadee
namoota jedhamanii fi kanneen maqaan isaanii adda hin ba’in danuu jalaa akka mancaafame ONM’f eeraniiru.

