ONM-ABO Amajjii 4, 2025
Karoorri bulchiinsa isaa nageenya uummataa kabachiisuu dhiisee guyyuu nageenya sabichaa booressuu kan ta’e bulchiinsi abbaa irree impaayerattii yeroo irraa gara yerootti akka uummataaf ta’utti osoo hin taane akka isaaf ta’u qofatti bulchuuf dararaa geessisu jabeessee jira.
Hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi qe’ee irraa godaansisuu kan adeeffatan saamtonni murna PP gochoota diinummaa isaanii uummata irratti jabeessuun oomisha qonnaan bultoonni baatii dheeraaf itti dhama’anii hojjetachaa turan konkolaataa qonnaan jalaa balleessaa jiru.
Kibba Lixa Shaggar aanaa Walisoo ganda Dambalii Kattaa fi aanaa Wancii keessatti lafa qonnaan bultootaa jalaa saamuun qamadii qotaa jechuun jalaa balleessaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

