Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa fi Arsii Bahaa Aanaalee garaa garaatti lukkeelee PP’n sarbamiinsi mirgoota namoomaa hawaasa irratti raawwatu jabaate

ONM-ABO Amajjii 6, 2025 

Lukkeeleen PP afaan qofaan nagaa labsaa faallaa isaa immoo gara jabina guddaan hawaasa meesha maleessatti garagaluun saamichaa hanga ajjeechaatti miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.

Aanaa Siraaroo ganda Kallaa Laalimaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa Muddee 31, 2024 maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo” qabdu jedhuun yakkanii badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Guufaa, 
  2. Duubee, 
  3. Nageessoo Muggaa fi 

kanneen maqaan isaanii adda hin baane danuu irraa loltoonni Bilxiginnaa bilbila gurguddaa baay’inaan 23 ta’u saamuu maddeen ONM’tti himan. 

Kana malees, ganduma kana irraa guyyaadhuma kana dukkana da’oo godhachuun nama Obbo Fayisaa Adeemaa jedhamu jalaa dukkaana isaa cabsuun bilbila gurguddaa 10 ol saamanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

Oduuma wal fakkaatuun godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti hawaasa jumlaan guuranii mana hidhatti dararuun cimee itti fufuun dargaggoota 79 leenjii waraanummaaf isin barbaanna jedhanii fedhii isaanii malee humnaan mana hidhaa irraa konkolaataan fe’anii aanicha irraa baasanii jiraachuus dabalataan maddeen ifoomsanii jiru.

Kana malees mootummaan impaayera Itiyoophiyaa uummata nagaatti waraana bobbaasuun duguuggaa sanyii irratti raawwaachaa jiru Amajjii 4, 2025 aanaa Sirkaa ganda Soolee Nageelleetti Kariimaa Kadir Daa’ima ganna lamaa kan taate mana hidhatti geessanii halkanii fi guyyaa boo’ichaan saammuu ofii hadoochuun miidhama hamaa keessa jirti jedhuun maddeen eeraniiru.

Exit mobile version