ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Kutaalee impaayerattii cufa keessaa maqaa garaa garaa isaan hin qabne itti maxxanfamuun sabboontota ilmaan Oromoo irratti guyyuun hidhaan raawwatu har’as kan durii caalaatti jabaatee itti fufee jira.
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 07 keessaa Amajjii 3, 2025 ergamtoonni sirnichaa dargaggoo Daawwit Fiqaaduu Shoonee jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, innis abbaan isaa dhukkubsatee Hospitaalatti osoo nyaata geessaafii jiruu milishaa maqaan ishee Amsaaluu Tasgaraa jedhamu “WBO’f geessaa jirta” jechuun qabdee hidhaatti darbattee jiraachuu fi “miseensa WBO Jaal Gumaa jedhamuufis armaan dura nyaata geessaafiin ture jedhii amani” jechuun reebicha ulfaataa irraan gahaa turuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

