Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Aanaa Siraaroo keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu fi saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 28, 2025 

Aanaa Siraaroo ganda Qixxee Teessisaa jedhamu irraa loltoonni PP, “hidhata WBO qabda” jechuun Amajjii 21, 2025 badii tokko malee nama maqaan isaa Dannaboo Hoogatoo jedhamu irratti reebicha ulfaataa raawwachuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanitti, namni kun siyaasa kam keessaa qooda kan hin qabne ta’uu fi sobaan yakkanii maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun hidhaatti darbachuu dubbatu.

Oduu saamichaa immoo akkuma kana dura maqaa garaa garaa uumatatti dhahuun saamaa turan, yeroo ammaa kanas maqaa “akka gandaatti qawwee binna” jedhuun nama tokko irraa qarshii 500 humnaan saamaa jiraachuu fi kanneen qarshii jedhame kaffaluu hin dandeenye immoo reebichaa fi hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version