ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Ilmaan Oromoo xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne loltoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkanii hiraarsaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaaf hawaasni akka itti ba’ee galu dhabaa jira.
Aanaa Cawwaaqaa araddoota garaa garaatti lukkeeleen PP abbootii amantaa salphisaa kan jiran yoo ta’u, ganda Daabanaa bakka addaa Googoo jedhamutti ergamtoonni kunneen maqaa “Miidiyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf odeessa gabaasta” jedhuun yakkanii Sheekii maqaan isaa Abdallaa Bushraa jedhamu irratti reebicha hamaa geggeessanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni kun himanitti, Sheekiin kun abbaa amantaa kan ta’ee fi ijoollee 80 Qur’aana kan qaraasisu ta’uu himuun, “ati Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf odeessa laatta” jechuun yakkanii badii tokko malee garmalee reebuun miidhanii kan jiran ta’uu dubbatu.

