ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025
Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hunda afaaniin kukkuulanii sobaa, faallaa isaa immoo waan hawaasni hin qabneen yakkuun diinummaa fi jibbiinsa qaban ifaan ifatti mul’isuun dararaa ulfaataa dhalli namaa mitii bineensiyyuu argee hin beekne raawwachaa jiru.
Aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu keessaa ergamtootni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irraa nagahee malee saamicha geggeessuun gartokkee qaama isaanii oliif yoo kennan, gartokkee immoo giiphii isaanii tuullachuun addatti qonnaan bultoota Oromoo irratti dararaa hamaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, namoota waan fidanii kaffalan dhaban immoo reebichaa fi hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.
Jaleewwan Bilxiginnaa maqaan isaanii Raamatoo Gatisoo fi Ahimad Baqqalaa kanneen jedhaman maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun hawaasa gandichaa ofiifuu waan nyaatu dhabee rakkatuu fi bona hongeen miidhe, afaan qawwee itti garagalfachuun humnaan saamaa kan jiran yoo ta’u, Gurraandhala 12, 2025 dargaggoo maqaan isaa Shubbisaa Oogatoo jedhamu irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuun hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun himanii jiru.
Sababni dargaggoon kun reebameef hirmaannaa siyaasaa dhaaba tokkollee qabaateef osoo hin taane, jaleen Bilxiginnaa Raamatoo jedhamu “qarshii fidi” jechuun hoggaa dararu, hiraarfamichi daangaa waan itti darbeef, kaffaltii kennu dhabuun kaballaa fi dhiitichaan jala deemtuu Bilxiginnaa kana gobuun ofirraa deebisuu isaa hordofee, lukkeeleen Bilxiginnaa gandicha keessa jiran waliif birmachuun reebicha hamaa ta’e erga irraan gahanii booda hidhaatti darbachuun ibsameera.

