Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Shaggar Kutaa Bulchiinsa laga Xaafoo keessatti, Inisheetiivii Qonnaa fi Horsiisa Beelladaa irratti kanneen ijaaraman Baankiitti xalayaa tokko barreessuuf qarshii 120,000 hanga 500,000 gaafataman

ONM-ABO Amajjii 7, 2025 

Murni Bilxiginnaa fedhii aangoo isaa tikfachuuf jecha  impaayerattii keessatti, lola guyyaa irraa gara guyyaatti, uummata nagaa barbaadu irratti meeshaalee waraanaa fi maallaqa kadhaan argame ramaduun impaayerattii dirree waraanaa taasisuun sababa kanaan kufaatii dinagdee fi siyaasaa isa mudatee jiruuf lammiilee jireenya harkaa gara afaanii ta’e  hunkurama jireenyaa keessa galchee jira.

Bineeyyonni Bilxiginnaa ija isaanii ashaboon miiccatanii sobaa oolan, kan waan jedhan guyyaa tokkoof illee hojiitti hiikanii hin beekne, hojii goyyomsaa qofaa irratti xiyyeeffachuun osoo lammiileen impaayerattii qaala’iinsa jireenyaa fi hiyyummaa hamaatti kufanii daabboo tokkollee nyaatanii buluun rakkoo ta’ee jiruu Abiy Ahimed Amajjii 3, 2924 Somaalee Magaalaa Jijjigaatti “biyyi keenya guddina saffisaa irra jirti nutti hin fakkaatu malee akka  xiyyaarri yeroo balaliitu gaafa daandii barbaachaaf gufattu qofa namatti dhagaamuuti” yeroo rakkoon jiru dhageenya turre, amma garuu rakkoon waan hin jirreef xiyyaara saffisaan daandii sirrii qabattee jirtu keessa waan jirruuf guddinni  galmeessisaa jirru nutti osoo hin taane namoota birootti mul’ata jechuun hawaasa birmannaa dhabne  malee rakkoo hamtuu keessa jirra jedhutti haasaa dhama hin qabneen  uummata goyyomsuuf yeroo dhama’aa oolan argina.

Obbo Shimallis Abdisaas guyyuma kana hojii Dhaabbilee mooraa misoomaa akkasumas Sektara Turiizimii irratti namoota hojjechuu barbaadan ni jabeessina fi paakeejjiin bitamee jira jechuun faallaa isaa immoo Magaalaa Shaggar  kutaa Bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo fi Laga Daadhii keessatti Inisheetiivii qonnaa fi horsiisa beelladaa ilaalchisee iddoo ijaarsaa kenname irratti erga gurmaa’anii ijaarsa isaa xumuraniin booda deggarsa liqaa gara Baankii Siinqeetti akka isaaniif  barreessamuuf kanneen gaafatan xalayaa barreessuuf qofa qarshii 120,000 hanga 500,000 gaafatamaa kan jiran yoo ta’u manni qopheessaa aanaa Eekkaa  qarshii nuuf kennitan malee deggarsa isiniif barbaachisu hin barreessinu jedhan keessaa dursatti argamti.

Murni PP Oromiyaa Bakkoota garaa garaa keessatti maqaa investimeentii dahoo godhachuun saamicha grggeessaa kan jiran yoo ta’u, gareen hannaaf ijaarame afaaniin misooma lallabaa gochaan immoo uummata saamuu hojii idilee godhatee kaadiree fi kaabineen isaa  saamichaan  jiraattota gidirsaa jiru.

Warri maallaqa uummataan rivaayinii muraa oolu Itti aanaan Muummicha Ministeeraa Obbo Tamasgeen Xuruneefaa ammoo xiyyaarri olka’iinsa Itiyoophiyaa lafaa ka’uuf jecha waan jiruuf dafaa seenaa jechuun barruun katabee kennameef yeroo dubbisan ni mul’ata.

Exit mobile version