Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellam Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbeetti jiraataan tokko madaa’uu fi saamichi maqaa gibiraan hawaasa irratti raawwatamu cimee itti fufee jiraachuun ibsame

ABO-ONM Amajjii 8, 2025 

Amajjii 6, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Gurii Maariyaamii bakka addaa Haroo jedhamuun beekamutti waraanni Bilxiginnaa Abiy Ahimediin qofa barcuma irratti tiksuuf bobbaafamte nama nagaa siyaasa kamuu keessaa hin qabne kan maqaan isaa Fadiluu Muusaa jedhamu lafa inni loon darabee tiksutti rasaasa itti roobsuun cinaacha isaa irra madeessan.

Buufata fayyaa Guriitti geessinaan nuti yaaluu hin dandeenyu dabarsaa hanga hospitaalaan geessanitti hin dhaabinaa akka jedhan jiraattonni dubbatu.

Obbo Fadiluun nama fuudhee mana qabuu fi abbaa daa’ima 2 yammuu ta’u kan siyaasa kamiyyuu keessaa qooda hin qabnee fi qonna qotee nama manaa fi maatii isaa jiraachifatuudha.

Kana malees murni garboomfataan PP dinagdeen sirnichaa laamsha’uu hoggaa baru gibira da’oo godhachuun ergamtoota isaa Oromiyaa cufatti bobbaasee afaan qawween dirqamsiisuun jiraattota hunda irratti saamicha hamaa geggeessaa jiraachuun ibsameera.

Aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Kaarra Jeenoo jedhamu irraa Amajjii 4, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Caalaa Dheeressaa,
  2. Liichoo Gannatii,
  3. Waaqjiraa Gannatii,
  4. Gaaddisaa Nagarii fi
  5. Tashoomaa Nagarii 

jedhaman irraa addatti maqaa “isin qabeenya qabdu” jedhuun qarshii humnaan olii itti fe’uun afaan qawween saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ganda kana malees, gandoota aanichaa hundaa fi akkuma impaayerattiitti daballiin gibiraa humnaan ol hawaasatti baay’achuun murni abbaa irree PP, afaan qofaan “biyya natu of harkaa qaba” jedhu kufaatiin dinagdee waan isa mudateef uummata ofiifuu waan nyaatu dhabee rakkatu afaan qawween hiraarsuun beela namootaa irratti dinagdee isaa utubataa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Exit mobile version