ABO-ONM Amajjii 8, 2025
Biyyi tokko lammiilee isheef carraa hojii banuu, tajaajila hawaasaa babal’isu, nageenya lammii isheef gaafatamaa qabaachuu fi misooma diriirsuu akkasumas guddina biyyatiif dhama’uun ga’ee isaanii kan ba’atan ta’uun beekamu.
Bulchitoonnii abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa garuu, faallaa kanaa irratti argamuun, lammiilee isaanii diinomfachuun, mirga lubbuun jiraachuu hanqachuun, osoo godaananii kan dheebuun gaggabee lafeen isaanii gammoojjii biyya ambaa keessatti hafee fi galaanaan nyaatamanii irbaata qurxummii kanneen ta’anis hedduudha.
Lammiileen impaayerattii biyyoota ollaa ishiitti jireenya hadha’aa fi gadadoo keessaa gara jireenya fooyyee barbaaduuf dhiiraa fi dhalaan yoo baqatan, kanneen beelaa fi dheebuu, galaanaa fi haala rakkisaa dandamachuun daangaa qaxxaamuran ammoo jireenya gadadoo akka nama lammii hin qabneetti jraatu, qabamanis mana hidhaatti dararamu.
Haaluma kanaan tibba kana viidiyoo fi suuraan garee shiftoota Liibiyaa magaalaa Kufraatti godaantota butanii gidirsan mul’isu miidiyaa hawaasaarratti gadhiifamee jira.
Isaan keessaa shamarreen Nahiimaa Jamaal jedhamtu kan Oromiyaa irraa godaante ta’uu Refugees In Libya fuula X isaarratti ibsee ture.
Suuraa fi viidiyoon Nahiimaa Jamaal yeroo dararamtu kan mul’isan yoo ta’u, maatiin ishee maallaqa 750,000 akka kaffalaniif gaafatanii, yoo hin taanee akka ajjeesuun suuraa ishii itti erganiif sodaachisaa akka jiran dubbatu.
Nahimaa Jamaal barnoota kutaa 11’ffaa osoo barachaa jirtuu rakkoo impaayerattii keessatti ishee mudachaa jiru jalaa dheessuuf osoo maatiin isheellee hin beekne godaanuun rakkoo kana keessa seenuun isheetu dubbatama.
Akka Dhaabbatni Baqattoota Liibiyaa (Refugees In Libya) ibsetti, shamarree umuriin ganna 20 taat’le Nahiimaan, Caamsaa 2024 Liibiyaa erga seentee yeroo muraasa booda butamte.
Maatiin Nahimaa Jamaal harka qalleeyyi waan ta’aniif maallaqa shiftoonni Liibiyaa gaafatan kana kaffaluuf kadhachaa jiraachuu fi mana jireenyaa isaanii gurgurachuun dhala isaanii kana oolfachuuf ammoo karaatu irra ba’ee jira namni nurraa bitu hin jiru jechuun galaana dhiphinaa fi jireenya gadadootti kufanii jiraachuu Arratni Biyyoolessa Oromiyaa Odeeffateera

