ONM-ABO Muddee 27, 2024
Kutaalee impaayerattii cufa keessaa ilmaan Oromoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu qofaan ergamtoota sirnichi bobbaafateen dararaa ulfaataa keessummeessaa jiru.
Lixa Shaggar aanaa Calliyaa ganda Tulluu Kosorruu jedhamu keessaa Muddee 25, 2024 maqaa “abbaa warraa keetu miseensa WBO’ti” jedhuun Aadde Bilisee Cimdeessaa kan jedhamtuu fi Amaatii ( haadha abbaa warraa ishee) Aadde Wasanee Tolasaa hidhaatti darbachuun, qotiyyoo tokkos jalaa saamanii deemuu jiraattonni himan.
Kana malees yerooma wal fakkaataatti ganduma kana irraa “ilma keetu bosona jira” maqaa jedhu itti maxxansuun Aadde Xaasuu Guyyaasaa fi haadha warraa ilma isaanii Baaccuu Amansiisaa kanneen jedhamanis hidhaatti darbachuun qotiyyoo 3 yoo jalaa ooffatan, nama Bookasaa Taganyee jedhamu jalaas qotiyyoo 1 saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen deggertoota dhaaba siyaasaa kamiiyyuu kan hin taanee fi sababa Oromumummaa isaanii qofaaf faashistoota Abiy Ahimediin dararamaa kan jiran ta’uun ibsameera.

