Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti waraana faashistii PP’n manni haadha tokkoo gubachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Taaffisa Madaallee jedhamu keessaa Ebla 3, 2025 dubartii maqaan ishee Aadde Alamii Baabbee jedhamtu maqaa “abbaa warraa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun ergamtoonni sirnichaa mana jireenyaa ishee qabeenyaa hunda waliin ibiddaan gubanii barbadeessuun, qe’ee fi qabeenyaa ishee irraas ari’anii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, Aadde Alamiin badii tokkollee kan hin qabnee fi hawaasa naannoo birattis ilaalcha gaarii kan qabdu ta’uu himuun, waraanni sirna balfamaa impaayerattii kunneen armaan duras sababa tokko malee hidhanii hiraarsaa turuun baatii tokko dura gadi lakkisanii kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Impaayerattii tinnisuuf sarbamiinsa mirga namoomaa uummata nagaa irratti raawwachaa kan oolan jaleewwan Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa mara keessatti maqaa “miseensa maatii keessaniitu bosona jira” jedhuun ilmaan Oromoo jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan akka bineensaatti adamsanii ajjeesuu, hidhuu, saamuu, akkasumas qe’ee fi qabeenyaa isaanii ibiddaan barbadeessuun aadaa ta’ee jira.

Exit mobile version