Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti loltoonni Koloneel Abiy Ahimed hawaasa nagaa irratti meeshaalee gurguddaa dhukaasuun miidhaa ulfaataa raawwatan

ONM-ABO Caamsaa 16, 2025 

Waraanni impaayerattii guutuu Oromiyaatti bobbaafamuun qe’ee uummata nagaa gooluu aadefatan bakkoota socho’an maratti lafoo fi qilleensa irraan meeshaalee gurguddaa fayyadamuun miidhaa gurguddaa raawwachaa jiru.

Bifuma kanaanis Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gaagoo Soleetti Caamsaa 10, 2025 maqaa “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa socho’a” jedhuun waraanni faashistii PP meeshaalee gurguddaa kanneen akka; Moorteraa fi Dishqaa dhukaasuun, jiraattuu gandichaa kan taate nama maqaan ishee Aadde Shaashoo Baay’isaa jedhamtu jalaa loon 1 ajjeesee jira.

Ganda kana keessatti rakkoo gurguddaa raawwachuun gabaafamaa kan jiru yoo ta’u, namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu jalaas qabeenya isaanii mancaasanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, gochi dabaan akkasii kun aanicha keessatti irra deddeebiin jiraattota irratti raawwatamaa jiraachuu himuun, yeroo ammaa kanas sababa rakkoo nageenyaaf jecha hawaasni nagaan ba’ee galuuf yaaddoo hamaa keessa jiraachuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version