Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa irratti meeshaalee gurguddaa dhukaasuun namoota 2 battalatti yoo ajjeesan, 1 jalaa ammoo qabeenya hunda waliin mana jireenyaa isaa barbadeessuu fi horii hawaasaa hedduu ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 26, 2025 

Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gaagoo Biitee bakka addaa Ejersa jedhamee waamamu keessatti Ebla 22, 2025 maqaa “WBO’tu achi jira” jedhuun ergamtoonni sirnichaa meeshaalee gurguddaa kanneen akka: Dishqaa, Moortera, Madfii fi ZU-23 hawaasa nagaatti dhukaasuun namoota maqaan isaanii:

  1. Bisheessaa Tulluu fi 
  2. Gizumaa Dhaabaa jedhaman battalatti yoo ajjeesan, 
  3. Abdiisaa Yaadatee jalaa ammoo 

mana jireenyaa Qorqorroo baallee 70 ta’u qabeenya hunda waliin barbadeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Bifuma wal fakkaatuun, guyyaadhuma kana jiraattota ganda Gaagoo Solee irrattis gochi gara jabina hamaan guute kun raawwatamaa kan ture yoo ta’u, nama maqaan isaa Qalbeessaa Boodanaa jedhamu jalaa re’oonni 20 ol dhukaasa kanaan ajjeefamuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, jiraattota gandoota baadiyyaa aanaa Abuunaa Gindabarat irratti gochoonni suukkanneessoon akkasii waraana maafiyaa PP’n irra deddeebiin raawwachaa akka jiru himuun, torban sadii duras ganduma Gaagoo Biitee irratti meeshaawwan gurguddaa darbachaa turaniin hawaasa nagaa hedduu jalaa horii dabalatee qabeenya isaanii mancaasaa turuun barameera.

Namoota haala kanaan horiin isaanii jalaa ajjeefaman keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Tufaa Dhugumaa jalaa loon 17,
  2. Kabbadee Leenjisaa jalaa loon 8 fi
  3. Hirphaa Qalbeessaa jalaa ammoo Harree 1 yoo ta’u, 

kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduunis akka jiran beekameera.

Exit mobile version