ONM-ABO Adooolessa 8, 2024
Waraanni kashalabbeen dandeettii siyaasaa fi waraanummaa hin qabne barcuma Abiy Ahimed qofa akka eeganiif bobbaafaman guyyuu gochoota uummata Oromoo gaddisiisuu fi lubbuu balleessu raawwachaa oolu.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Adooolessa 6, 2024 Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat magaalaa Gooroo keessatti loltootni sirnichaa magaalicha buufatanii jiran daa’ima umuriin ishee 10 kan maqaa ishee dha’uun hin barbaachifne irratti gudeeddii dirqiin raawwachuun yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduutti akka argamtus maddeen ONM’tti himan.
Waraanni akka feeteen sirnichaa kunneenis daa’ima kana qofa osoo hin taane aanichuma keessatti abbaa manaa irraa hidhuun dubartoota waliin dirqiin sagaagalummaa raawwachaa jiraachuu kan himan maddeen halkan halkan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabduun shamarran gadi waamanii waliin bulaa jiraachuu dabaluun ibsa.
Kana malees aanichaatti hidhaa, saamicha, gubaatii fi ajjeechaa jumlaa raawwatan jabeessanii jiraachuu fi ergereen uummatichaa haalaan yaaddessaa ta’uun ni beekama.

