Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Aanaa Martii keessaa ergamtoonni bilxiginnaa namoota dhukkubsatan leenjii waraanaa leenjisaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Loltoonni bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa tokko malee dhiiraa fi dubartii, fayyaa fi dhukkubsataa osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti akka kubbaatti dhiituun namoota dhukkubsatan illee osoo hin hambisin jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiru. 

Aanaa Martii ganda Eellaa Akkiyyaa fi Eellaa Gaadullaa jedhaman keessaa namoonni hedduun ukkaamfamuun gara leenjii waraanaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, addatti nama maqaan isaa Ziyaad Qaasim Hamdaa jedhamu dhukkuba sukkaaraa kan dhukkubsatu humnaan qabuun leenjisaa kan jiran ragaa mana yaalaa fidatus akka inni hin yaalamne dhorkuun, lukkeeleen bilxiginnaa kunneen maatii isaan “isiniif baasnaatii qarshii fidaa” jechuun qarshii 3,000 irraa fudhatanii isa gadi dhiisuu didanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Gandoota kanneen keessaa bakka hojii dhuunfaa isaanii irraa kan qabaman namoota maqaan isaanii:

  1. Aabbee Kadir Bunaa, 
  2. Kaalid Gammachuu,
  3. Mahaammad Adam,
  4. Gannaa Booruu Caffaa,
  5. Maashoo Amaan Obsee,
  6. Adam Baamud Galatoo,
  7. Adam Ayyiruu Garbaa fi 

kanneen biroo hedduu torban darbe keessa ukkaamsuun loltoonni bilxiginnaa gara mooraa leenjii waraanaatti geessuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version