Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii keessaa uummanni dirqamaan murna bilxiginnaan gara leenjii waraanaatti guuramaa jira

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Murni Bilxiginnaa lolli jajjabaa karaa daangaa irraan isa muudachuuf jiru isa yaadeessuun yeroo ammaa magaalota akka Finfinnee dabalatee godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessaa namoota ukkaamsuu irratti argamu.

Iddoowwan tokko tokkotti bifa dhoksaan ukkaamsaa kan jiran yoo ta’u iddoowwan biraatti ammoo guyyuma saafaa biyya keessan eeggadhaa jechuun dirqamaan gara leenjii waraanaatti bobbaasanii qoraan ibiddaaf qophaa’e gochaa jiru.

Haaluma kanaan Fulbaana 23, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Moollamee Qarsaa jedhamtu keessatti uummata jaarsa fi jaartii osoo hin jenne dirqamaan mana isaanii irraa qabuun leenjii kennaafii akka jiran barameera.

Akkasumas namoonni achi keessatti dhukkubsatoo ta’anii leenji’uu hin dandeenye ammoo guyyaa guyyaan qarshii 100 tokko tokko kaffalaa fi nyaata leenji’aaf hojjechaa  akka jiranis beekamee jira.

Kaayyoon sirnichaa namoota kanneen aanaa fi godina akkasumas bulchiinsa magaalaa tokko tokko keessatti leenjii sassalphaa kenneefii boodarra ammoo lola daangaa irratti fe’uuf karoorfatanii akka jiran ifoomeera.  

Oduu biraatiin ammoo aanichuma keessatti Fulbaana 25, 2024 aanaa Martii magaalaa Abboomsaa irraa gara ganda Ilaalaatti paatroolii tokkoon ergamtootni Bilxiginnaa osoo deemaa jiranii iddoo addaa Bandoo Biyyee Gurraattii jedhamtutti garagaluun namni afur lubbuun yoo darbu namoonni gariin mada’anii gara hospitaalaa seenuun isaanii beekame jira.

Exit mobile version