Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti ergamtoonni Abiy Ahimed jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu hammeessan

ONM-ABO Amajjii 4, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Martii bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni sirna moofaa suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, haaluma kanaanis torban darbe keessa ganda Ellaa Akkiyyaa jedhamu irraa namoota hedduu saalaa fi umuriin osoo adda hin fo’in dirqamaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees yerooma wal fakkaataatti magaalaa aanaa Martii kan taate Abboomsaa keessattis namoonni baay’inaan 180 ol ta’an fedhii isaanii malee leenjii waraanaaf ukkaamfamanii jiraachuun eeramee jira.

Aanicha keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa guyyuu lammiilee nagaa irratti raawwatus jabaatee jiraachuun dabalataan himamee jira.

Exit mobile version