Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti ergamtoonni Abiy Ahimed jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 10, 2025 

Impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafama irra jirtu suphuuf jecha ergamtoonni Bilxiginnaa kutaalee impaayerattii cufa keessaa ilmaan hiyyeessaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun fedhii isaanii malee ukkaamsuu itti fufanii jiru.

Aanaa Martii bakkeewwan addaa addaatti ergamtoonni Bilxiginnaa lammiilee nagaa gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu ittuma fufuun, ganda Ellaa Akkiyyaa jedhamu irraa torban darbe keessa namootni maqaan isaanii:

  1. Ziyaad Qaasim,
  2. Aammad Baarshoo,
  3. Nuuruu Tafii jedhamanii fi 

kanneen biroo hedduu ta’an ukkaamfamuun yeroo ammaa leenjii irra kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota kanneen irraa “gadi isin lakkisna” jechuun Kaabinoonni Bilxiginnaa maallaqa guddaa nyaatanii callisuunis dabalataan ibsameera.

Exit mobile version