Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Aanaa Amuruutti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo ajjeesuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa murnoota bilxiginnaa firoomfachuun gara jabina hamaa ta’een guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo butanii qarshii guddaa gaafachuu, ajjeesuu, horii saamanii qalachuu fi miidhaa tilmaama hin qabneen addatti godina Horroo Guduruu aanaalee adda addaa irratti hiraarsaa ulfaataa geessisaa jiru.

Aanaa Amuruu ganda Sammoo Illaammuu bakka addaa Laga Dallaa jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun socho’an, Amajjii 10, 2025 nama maqaan isaa Shobbaa Bakakkoo jedhamu gara jabina hamaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Shobbaa namni jedhamu kun Amajjii 5, 2025 finxaaleeyyii kanaan butamee kan turee fi qarshii 26,000 saamamuun, erga guyyaa sanaa hafuurri isaa dhokatee Amajjii 10, 2025 immoo kan ajjeefame yoo ta’u, ajjeechaa fi saamicha yeroo yeroon irratti raawwatamuuf yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version