ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Gargaarsa qaamolee mootummaa irraa argataniin hanga funyaaniitti hidhachuun finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa “Faannoo” jedhuun socho’an gara jabina nama suukkaneessuun biyya abbaa isaa irratti ilmaan Oromoo rasaasaan waaduu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Horroo ganda Rifeentii Gabar bakka addaa Haroo Gundoo jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa gara jabina hamaan ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu amaleeffatan kunneen barataa maqaan isaa Baay’isaa Hordofaa jedhamu ukkaamsuun gara jabina hamaa ta’een Amajjii 17, 2025 akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, barataan kun ganda Didibbee Kistaanaatti kan dhalatee fi maatiin isaa harka qalleeyyii waan ta’aniif gara ganda Rifeentii Gabar deemuun mana namaa galee qonnaa kan qotu ta’uu himuun, osoo inni gabaa aanaa Abee Dongorootii galuu battalumatti finxaaleeyyii Amaaraan ajjeefamuu fi aanicha guutummaa keessaa finxaaleeyyiin kunneen yeroo yerootti ilmaan Oromoo gaadanii ajjeesuu cimsanii juraachuu fi qaamni mootummaa faashistii PP illee finxaaleeyyii kana waliin uummata dararaa kan jiru ta’uu eeru.

