Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ministirri Dhimma Alaa Siiriyaa walgahii ministeerotaa irratti hirmaachuuf Sa’udii Arabiyaa seenan

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Ministeerri Dhimma Alaa Siiriyaa Asaad Al-Shaayibanii walgahii ministeerotaa haala Siiriyaa ilaallatu irratti hirmaachuuf Sanbata kaleessaa magaalaa guddoo Sa’uudii Riyaad galaniiru.

Shaayibaaniin itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii Waliid Al-Kireyijiin simachuu isaanii dhaabbati oduu mootummaa Sa’uudii SPA gabaaseera.

Walgahiin dilbata kun dippilomaatota olaanoo Turkii, Iraaq, Libaanos, Joordaan, Masrii, Biriteen, Jarman, Xaaliyaanii, Ameerikaa akkasumas miseensota Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa walitti qabuuf beellama qaba.

Walgahii tasgabbii fi nageenya Siiriyaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan irratti ni mari’ata jedhamee eegamu kana irratti Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fidaanis ni hirmaatu jechuun maddeen dippilomaasii Turkii mirkaneessaniiru jechuun Arabs news gabaaseera.

Exit mobile version